Romans 16:26 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma waan d'ossani suni ya mullisani t'aafi raagoota gula; ammalle seera Waaqa ka haga jiru jireenna tau gula ya gosa ch'ufa beesisani, aka nami ch'ufti d'ugefate ch'aqasu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma ammoo waan dhossaan sun barreessii fi raagoota gula ya mullisan; ammallee seera Waaqaa ka haga jiruu jireenna taa'u gula akka namii cuftii dhugeeffatee caqasu gosa cufaa ya beesisaan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi baraa haga bara baraa ajaje; amantii ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane maratti beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu dhugaan kun muldhatee jira, ajaja Waaqeffannaa bara baraatiin marrinuu amananii akka ajajamaniif karaa kitaabban nabiyyootaatiin, ummattoonni marrinuu akka isa beekaniin taasfamanii jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera.