Romans 16:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya anaaf hima'a. Jaala kiyya jaallatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya anaaf hima'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi mana worra keesati wolwoldeetule anini nagaya d'aama. Jaala kiyya Epaineto, nama qara ka Asia keesati Kristo d'ugefatele, nagaya d'aama.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii mana warraa keessaatti sagadaa walwaldeettuulleetti nagaya naa himaa! Jaala kiyya Ephanexos, nama qaraa ka Asiyaa keessaatti Kiristoo dhugeeffateelleetti, nagaya naa himaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woldaa mana isaanii keessa jirtutti nagaya kiyya naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woldaa mana isaanii keessa jirtuuf nagaya kiyya itti naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amanittoota mana isaanii titti wolitti qabamaniif'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Kutaa konyaa biyya Asiya'aa titti jalqaba Kristostti ka amanee ka jaaladhu Epheenexoostti, nagaya naa dhiyeessaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya naaf hima'a. Jaala kiyya jaalatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya naaf hima'a.