Romans 16:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudoota ana woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya anaaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Andronikofi Yunia, worra gosa tiyya, ka na woliini hid'ani, nagaya naa fuud'a; ergattu keesa worri gurra qaba, ato anini Kristiana intahiini worri tahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Andronikosii fi Yuniyaas, warra Yihudii ka gosa tiyyaa, ka na waliin hidhaniilleetti, nagaya naa himaa! Ergamtoota keessaa warrii gurra qaba; adoo anin Kiristaana hinta'in warrii ta'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri ergamtoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyaanitti nagaya naa himaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri ergamoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyanitti nagaya naa himaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ana woliin hidhamanii worra turanii fi ergamittoota jiddu'utti'llee firoota kiyya Yihudota beekkamittoota turaniif, Anronikosii fi Yuniyaasiif nagaya naa dhiyeessaa, isaan Kristostti amanu'uun ana durssa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudoota na woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya naaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.