Romans 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro Seera d'agayaniifi Waaqa durati d'uga inargatani, ammo maro waan Seeri fed'u tolchaniifi d'uga argatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo seera dhaga'aniif Waaqaa duraatti dhugaa hin argatanii; ammoo marroo waan seerii fedhu tolchaniif dhugaa argatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa duranatti ka qulqullaayan seericha dhagayanii hujii irra worra oolichan malee, seericha dhagayanii hujii irra worra hin oolichinee miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti.