Romans 2:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adabi worraa aka waan seeri fed'u garaa worraa keesati t'aafani agarsiisa. Qalbiini worraa aka wonti kunini d'uga agarsiifti, waan hojja gari heregi worraa worra himate hojja gari worraa dubbatufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adabii warraa akka waan seerii fedhu garaa warraa keessaatti barreessan garsiisa. Qalbiin warraa akka wantii kunin dhugaa garsiifti, waan yo garii herregii warraa warra himatee yo garii warraa dubbatuuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanni mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanii mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haalli isaanii kun'llee wonitti seerri isaan ajaju marrinuu onnee isaanii titti ka barreeffame ta'uu isaa ni muldhisa, akkuma kana sammuun isaanii'llee isaanitti ragaa ni baya, sammuun isaanii yeroo tokko tokko isaan ni himata, yeroo tokko tokko'llee isaan ni irkisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa.