Romans 2:20 — Compare Translations

5 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seera keessatti beekkunsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle aka daalle qajeelchite nama wo imbeennele barsiiftu imbeeta. Ammalle aka Seera keesa hubachaafi d'ugaani jirtu imbeeta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee akka gowwoota qajeelchitee nama wa hinbeenneellee barsiiftu inbeetta. Ammallee akka seera keessa hubachaa fi dhugaan jirtu inbeetta.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
worra hin baratin ni leenjisa, daa'imman ni barsiisa» ni jetta. Akkuma kana, «Seeraan malikata beekkomisaa fi dhuga'aa ni qaba» jetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seera keessatti beekkumsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta.