Romans 2:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo gochiti d'ibiini ta taka qabanqaba inqabatini Seera Waaqa guute, Waaqi aka nama qabanqaba qabate worra inheregu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo gochitii dhibiin ta takka dhaqaanqabaa hinqabatin seera Waaqaa guutee, Waaqii akka nama dhaqaanqabaa qabatee warra hinherreguu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu namni hin gadoomin yoo sirna seeraa eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu namni hin gadoomin sirna seeraa yoo eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufi?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf ka hin gadoomin worri gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ajaja seeraa ka raawwatu yoo ta'e, gadoomuu dhabuun isaa akka waan gadoomee titti isaa ni laakkayaamaafii mitii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree?