Romans 2:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba gochiti d'ibiini isani Yahudi qorti. Ato Seera t'aafatani qabanqaba qabatanile, atini Seera ch'absita, ammo worri ato qabanqaba qabachu d'ibaatele Seera jabeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba gochitii dhibiin ta adoo dhabaanqabaa hinqabatinuu waan seerii jedhu guutuu, isanii Yihudii murti, isan adoo seera barreefatanii, dhaqaanqabaa qabataniillee seera cabsitan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka uumamaan hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu diiguun seerri sitti murteessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uumamaan ka hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu, diiguun seerri sitti murteessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati seera barreeffamee uduu qabdduu fi ka gadoomittee jirttu'llee taatee seera yoo diigidde, fooniin ka hin gadoome ta'ee seera ka raawwatu, ka gara worra Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee sirratti, ni murtteessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran.