Romans 2:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'iiti malee, haqanqaba nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraannii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo Yahudiini d'ugaa nama garaani isaa d'ugumaani Yahudi tahu, ka garaani isaa qabanqaba qabate, wonti kunini huji Lubbu Waaqati, huji Seera t'aafaniitiniti. Nami akana kunini Waaqa iraa ulfinna argata nama iraa inargatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ammoo Yihudiin dhugaa nama garaan isaa dhugumaan Yihudii ta'u, ka garaan isaa dhaqaanqabaa qabate, wantii kunin hujii hafuura Waaqati, hujii seera beerreesaniittiin. Namii akkanaa kunin Waaqaa irraa ulfinna argata malee nama irraa hinargatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u, gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudichi dhuga'aa ka keessa isaa Yihudicha ta'e, Gadoominni dhuga'aa ka Hafuura Waaqaatiin ka ta'u gadooma onne'ee ka dhuga'aatii malee, akkaataa seeraan barreeffameetiin, gadooma fooniitii miti. Naminni akkanaa kun'llee galata ka fudhatu Waaqa irraayyi malee, nama irraayyii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'ii ti malee, haqanqabaa nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraanii moti.