Romans 2:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo jaala kiyya, wollaala namati murtu suni atileeni intolchita. Waan mura Waaqa duraa baatu ufi seeta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaala kiyya! Ati yo warra wallaala tolchuutti murtee, ufii ammoo deebitee wallaaluma sun tolchituu, waan muraa Waaqaa jalaa baatu ufi seetaa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati nama worra kana godhutti ka murteessitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati nama worra kana godhuti ka murteesitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nama nana! Namoota akkana raawwatan irratti murtteessa'aa, waan isaan raawwatan yoo raawwattu, murtii Waaqaa jalaa waan baatu sitti ni fakkaata ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?