Romans 2:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo garaani kanke jaba hama. Tanaafi atini qorsuma tante, ta gaafa dalansufi qorsumaani Waaqa ta d'ugaa mullattule, iti darachu jirta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo garaan kankee jabaa hamaa. Tanaaf atin murtii tantee, ta gaafa dallansuu fi murtiin Waaqaa ta dhugaa mullattuullee, itti darachuu jirta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Moo gar jabumma'aa fi qalbii aagii hin galle, hennaa murtiin Rabbii qajeelaan mudhatu gaafa guyyaa dheekkamsa Rabbiitiif uf irratti kuufatta.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Moo gar jabuma'aa fi qalbii aagii hin galle, murtiin Rabbii qajeelaan hennaa mudhatu gaafa guyyaa lola Rabbiitiif uf irratti kuufata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.