Romans 3:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu imbeenna aka wonti Seeri jed'u ch'ufti waan worra Seera jala jiruuni jed'ani, aka malte nama ch'ufa d'owani lafa ch'ufaa qorsuma Waaqa duraani d'ufani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka wantii seerii jedhu cuftii waan warra seera jala jiruun jedhanii, akka maltee nama cufaa dhowwanii lafa cufaa murtii Waaqaa duraan dhufan nu inbeenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Afaan maruu akka cufamu; adunyaan martuu akka murtii Rabbii jala taatu wonti seerri dubbatu maruu worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Afaan maruu akka cufamu adunyaan martuu murtii Rabbii jala akka taatu wonti seerri dubbatu maruu, worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajinni seeraa ka laalu worra seera jala jiran akka ta'e ni beekinna, waayee kanaan'llee namoonni waan itti sababatan dhabanii ni caldhisan, biyyi lafaa marri'llee murtii Waaqaa jala ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti.