Romans 3:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ammatana d'ugaani Waaqa ya mullatte, Seera ira woma inqabdu. Seerafi raagooti ya d'ugeesani:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma ammoo dhugaan Waaqaa ya mullatte, seera irraa homaa hinqabdu. Seeraa fi raagootii karaa kana ya dhugeessan:
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo ka seeraa fi raattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo ka seeraa fi rattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu karaan Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssuun seera malee ta'uun muldhatee jira, kun'llee seera Muse'eetii fi nabiyyootaan ragaan bayamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran.