Romans 3:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ya isa sooriyyoo namaa tolche, akka marroo dhiiga isaatii fi daba namaa arraaraman. Araarama kana yo dhugeeffatan argatan. Wantii Waaqii Kiristoo sooriyyoo tolcheef, akka dhugaa ufii agarsiisu. Durii Waaqii obsee wallaala bira namaa dabre;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantii dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen; kanallee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeettii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantaa dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen, kunnillee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeetii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni Yesus Kristosiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen worri isatti amanan marrinuu dhiiga isaatiin dhiifama cubbu'uu isaanii akka argataniif, Waaqinni kana raawwachuun obissa isaatiin cubbuu isaa ka duraanii akka waan hin jirree taasisu'uun, murttii mataa isaa qajeelaa muldhisu'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe.