Romans 3:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo ammatana inni d'uga ufi garsiisa. Kara kanaani Waaqi aka d'uga qabu ufi garsiise ammalle nama Yeso d'ugefatu ch'ufa d'uga heregaafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
amma ammoo innii dhugaa ufii garsiisa. Karaa kanaan Waaqii akka qajeelaa ta'e ufi garsiisee ammallee nama Yesus dhugeeffatu cufaa qajeelooma herregaaf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusitti amanullee qajeelaa akka taasisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhisuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusiti amanullee qajeelaa akka taasiisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhiisuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bara ammaa titti'llee Waaqinni mataan isaatuu qulqullaawomaa ta'uu isaa ka muldhisu, worra Yesusitti amanan maraa qulqullaawomssu'uun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa.