Romans 3:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ijjumaa hin hanburu! “Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta; worra si himatulle hin injiffatta” jedhantee akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle, Waaqi dhugaamessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hiyyo, akasiiniti! Yo nami ch'ufti d'ara dubbatele, Waaqi kama d'ugaa. Akuma t'aafiini jettu: Yo atini dubbattu aka d'uga dubbattu argu malani, yo si qorani d'uga argachu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hiyyoo, akkasiiniti! Yo namii cuftii dhara dubbateellee, Waaqii kama dhugaati. Akkuma barreessin, “Yo dubbattu akka ati dhugaa dubbattu arguu malan, yo si qoraan dhugaa argachuu malte” jettu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sirimaa hin ta'u! namni maruu sobaa, Rabbi garuu ka dhuga'aa haa ta'u; Akkuma, «Sababaa dubbii keetiitiif nama dhuga'aa, murtii afo'ottillee injifataa taata» jedhamee barreeffame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sirimaa hin hanbisu. «Ati dubbii keetiin qajeelaa akka taatu, mana murti'iillee hennaa seente akka injifattu» jedhamee akkuma barreeffame, namni martinuu kijibaa yoo ta'e, Rabbi ka dhuga'aa haa ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gonkumaa hin hanbbisu! «Dubbima kee irraa ka ka'een dhugaalessa ni taata, mormmataa kee'llee murti'iin ni injifatta» jedhamee akkuma barreeffame, naminni marrinuu ka dharaa yoo ta'e'llee, Waaqinni dhugaalessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijjumaa hin hamburu! «Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta; worra si himatulle hin injifatta» jedhantee akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle, Waaqi dhugaamessa.