Romans 3:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo d'arti nu tolchine d'uga Waaqa agarsiifte ho? Maani jenna? Waaqi, hojja nu gaargalchu, inni nu inqajelchine jenna? (Aka namaa dubbachu jira.)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo dhartii nu tolchine dhugaa Waaqaa agarsiifte hoo, Maan jenna? Yo Waaqii nu gaargalchu innii nu hinqajeelchine jennaa? (Tana akka yaada namaa dubbachuutti jira.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e maal jenna ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e, maal jennaa ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu cubbuun keenna qulqullummaa Waaqaa ka muldhisu yoo ta'e, eegaa maal jenna ree? Waaqinni waayee cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murtteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu moo? Asi irratti ka dubbadhu akka yaada namaa titti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha.