Romans 3:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoosi, nu Yahudi worra gosa d'ibi ira goomna? Hiyyo, akasiiniti! Anini ya qara aka Yahudifi gochiti d'ibileeni jabeenna daba jala jirtu agarsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoos, nuun warra Yihudii gosa dhibii irra goomnaa? Hiyyoo, akkasiiniti! Anin ya qara akka Yihudii fi gochitii dhibiilleen jabeenna dabaa jala jirtu agarsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu maal haa ta'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u! Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himanneerruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu maal haata'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himaneerruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, nu'u Yihudonni Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni caalla jechu'uu moo? gonkumaa miti! Namoonni marrinuu Yihudota ta'anii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, cubbamoota ta'uu isaanii durssee hubachiisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera.