Romans 4:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchuma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni eegi suni qabanqaba qabate, qabanqabaani tunini beesisa Waaqi isaa kenne, ka maro d'ugefacha isaatiifi d'uga isaa heregani agarsiifti, ato inni qabanqaba inqabatini. Tanaafi Abrahamuuni Abba worra Waaqa d'ugefate ka Waaqi d'ugaa heregeefi ch'ufa, ato qabanqaba qabachu d'ibaatele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii egii sun dhaqaanqabaa qabate, dhaqaanqabaan suniin beesisa Waaqii adoo innii dhaqaanqabaa hinqabati marroo dhugeeffachaa isaatiif qajeelumaa herregeef agarsiifti. Tanaaf Abrahaam, Abbaa warra Waaqaa dhugeeffatee ka adoo dhaqaanqabaa qabachuu dhibaataniillee Waaqii qajeelummaa herregeefii cufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amantii uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate; kanaafuu worra amanan ufii ammo worra hin gadoomneef qajeellummaan akka isaaniif laakkayamuuf abbaa nama maraatiiyyu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amantaa uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate, kunillee akkasuma isaan woyyoota ta'anii akka laakkayamaniif worra uduu hin gadoomne amanan maraafuu abbaa akka ta'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abrahaam uduma hin gadoominiin duranatti, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee akka lakkaayameef, malikata mirkaneessa'aa akka isaa ta'uuf ni gadoome, kanaaf Abrahaam uduu hin gadoomin worra amananii fi amanitiin isaanii'llee qulqullaawoma ta'ee worra isaanii laakkayamu maraaf, abba'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a.