Romans 4:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi Abrahamufi d'aloota isaati kakhate, Lafa ch'ufa sii kenna jed'eeni, Wonti kakhu tana kennaniifi waan Abrahamuuni Seera jabeeseeniti, ammo waan inni d'ugefannaani Waaqi d'uga heregeefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii Abrahaamii fi dhaloota isaatti kakatee, lafa cufa sii kenna jedheen, wantii kakuu tana kennaaniif waan Abrahaam seera jabeesseefiinitii, ammoo waan innii dhugeeffannaan Waaqii qajeelummaa isaa herregeef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni nama ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanti'iiti malee seeraanii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ka ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanta'aatti malee, seeraanii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abrahaamii fi fiixaa isaatii biyya lafaa akka dhaalu Waaqinni abddii ka kenneef, qulqullaawoma amanti'iin argateef malee, waayee seera raawwachuu isaatiifii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti.