Romans 4:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dhaalu worra Seera muummeessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo waan Waaqi khakhate sila worra seera jabeese kennani, d'ugefachaani nama woma keesa injirtu, ammalle khakhuuni Waaqa woma imbaatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo waan Waaqii kakate silaa warra seera jabeessee kennanii, dhugeeffachaan namaa homaa keessa hinjirtu, ammallee kakuun Waaqaa homaa hinbaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantiin duwwaa ta'eera; abdiin dubbi'iillee diiggameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantaan duwwaa ta'eera, abdiin dubbi'iillee diiggameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhaaltota abddi'ii isaa, namoota seera raawwatan yoo ta'an ammoo amantiin gatii hin qabaatu, abddiin'llee tasa ta'uu isaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dhaalu worra Seera muummessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu.