Romans 4:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoyeera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kakhuuni d'ugefacha qabaachu malteefi, aka kakhuuni suni tola taate, ilmaani Abrahamu ch'ufa geetu, ilmaani seera guutu ch'allaaniti ammo ta aka Abrahamuuni d'ugefate d'ugefatele. Wonti akasiitifi Abrahamuuni abba nuu ch'ufaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii kakuun dhugeeffachaa qabaachuu malteef, akka kakuun sun tola taatee, ilmaan Abrahaam cufaa geettu, ilmaan seera guutu callaanitii ammoo ta akka Abrahaam dhugeeffatee dhugeeffateelle. Wantii akkasiitiif Abrahaam abbaa nuu cufaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu abdiin amanti'iin dhufeera; abdiin kunillee badhaadhaan akka ta'u sanyii Abrahaamii maraaf akka wobii ta'uuf; seerri kun worra ka isaa ta'an calla'aaf uduu hin taane worra amanti'iin ka Arahaamii ta'aniifille'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu seera calla'aan uduu hin taane, akkasuma ka amantaa Abrahamiitiin ta'e, fiixaa isaa maraaf, dubbiin abdi'ii kun akka raawwatamuuf, amantaan akka badhaadhummaa isaa akka ta'uuf, innillee akkuma abbaa worra Yihuudii hin taanee taata jedhame barrayeen, isa du'aa fi jireenna kennu, ka waan hin jirre akka waan jiruu godhee waamu, Waaqa itti amane afo'otti abbaa nu maraati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf abddiin ka hundaaye amantii irratti ture, abddiin kun'llee fiixaa Abrahaamii maraaf Waaqaa irraa kennaa isaa ka bilisaatiin ka isaaniif kenname ta'uun isaa, kanaan mirkanaayee jira. Kun'llee namoota seera horddofan qofaaf uduu hin ta'in worra akka Abrahaamii amanan maraaf, akkaataa kanaan'llee Abrahaam abbaa nu mara keennaa ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.