Romans 4:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo sila inni waan tolcheefi d'uga Waaqa ira argate inni waan ufi guddisuufi inqaba. Ammo Waaqa durati ufi guddisu indandau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii yo silaa waan tolcheef qajeelooma (dhugaa) Waaqaa irraa argatee waan ufi guddisuuf inqaba. Ammoo Waaqaa duraatti ufi guddisuu hindanda'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abrahaam uduu huji'iin qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haa ta'uu ammo Rabbiin biraa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abrahaam huji'iin uduu qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haata'uu ammoo Rabbiin biraa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abrahaam ka qulqullaawome huji'iin uduu ta'ee jiraatee, waan ittiin ufi dhaadu ni argataayyu ture, haa ta'u malee Waaqa duranatti ufi dhaadu'uuf hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u.