Romans 4:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni dhugeeffana'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachaani isaa diqole ilaamne, innileeni kakhu Waaqa ind'arefanne, ammo d'ugefachaani isaa jabeenna isaa kennite, inni Waaqa faarse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugeeffachaan isaa diqqumaallee hin laamne, inniilleen kakuu Waaqaa hindharreeffanne, ammoo dhugeeffachaan isaa jabeenna isaa kennitee, innii Waaqaa faarse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiillee ulfinna kenna'aa, abdii kenname raawwachuu akka danda'u jabeessee hubatee laale. Amanti'iin jabaatee laale malee, amanuu dhabu'uun abdii dubbii Rabbii hin mamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbiillee ulfinna kenna'aa, abdii kenname raawwachuu akka danda'u jabeessee hubatee laale. Amanta'aan jaabaatee laale malee, amanuu dhabu'uun abdii dubbii Rabbii hin mamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amantii isaatiin cimaa ta'ee Waaqaaf ulfinna ni kenne malee, abddii Waaqinni isaa kenne amanuu dhabu'uun, gonkumaa hin shakkine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne.