Romans 4:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee jechi, “Balchumma'atti laakkowameef” jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jecha, Waaqi d'uga heregeefi jed'u kana isa ch'allaa int'aamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jecha, “Waaqii qajeelummaa herregeef” jedhu kana isa callaa hinbarreesine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu, «Qulqullaawoma ta'ee ni lakkayameef» dubbiin jedhu ka barreeffame, Abrahaamiin qofaaf uduu hin ta'in,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in,