Romans 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafiini waan jettu, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, maro d'ugefacha isaatiifi Waaqi nama d'uga isaani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessin, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffatee, marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii ‘Nama dhugaa’ isaan jedhe” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaabnni Qulqulluun, «Abrahaam Waaqatti ni amanee, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'ee ni laakkayameef» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha.