Romans 4:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchuma'atti hin laakkowantiif.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami huji inhojanne, ka Waaqa nama wollaala qabuuni, Inqabdu jed'e ch'alla d'ugefate, Waaqi d'ugefacha isaa ilaale d'uga heregaafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii akka seerraa gula hin hojjanne ammoo yo akka Waaqaa irraa fagaate beekee, Waaqaa qajeelaa nama tolchuutti dhugeeffatee, dhugeeffachaan isaa qajeelummaatti in herregamtiif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo nama hin hojjannee fi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantiin isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo nama hin hojjanneefi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantaan isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni yoma hujii mishaa qabaachuu dhabaate'llee Waaqa cubbamoota qulqullaawomssuu danda'utti yoo amane, amanitiin isaa qulqullaayoma ta'ee ni laakkayamaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti hin laakkowantiif.