Romans 4:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, “Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef” jenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gammadi Daudiini dubbate kunini ka worra qabanqaba qabate ch'allaa? Hiyyo ka worra qabanqaba inqabatinile. Wonti akanatiifi nu ya waan t'aafiini jettu himne, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, maro d'ugefacha sunitiifi Waaqi nama d'ugaa isaani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gammadii Daawiti dubbate kunin ka warra dhaqanqaabaa qabate caalaa? Hiyyoo ka warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee. Wantii akkanatiif nu ya waan barreessin jettu himnee, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, marroo dhugeeffachaa sunitiif Waaqii nama qajeelaa isaan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbatee? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Abrahaam waan Rabbitti amaneef amantiin isaa akka qajeellumma'aatitti laakkayameeraaf» waan jenneerruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbate? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Amantaan Abrahaamiif qajeellummaa ta'ee laakkawwameera» waan jennuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, Daawiiti ka dubbatetti eebbi kun worra gadooman qofaafii ree? yookiin worra hin gadoominiif'lle'e? Worra hin gadoominiif'lle'e, «Abrahaam Waaqatti waan amaneef, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee ni lakkaayameef» jennee jirra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna.