Romans 5:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du'a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dabi nama toko gula lafa seene, ammalle dabi isaa suni duisa lafaani d'ufe. Tanaafi duisi nama ch'ufa gahe, maro nami ch'ufti dabeefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Cubbuun nama tokko gula lafa seente, ammallee cubbuun isaa sun du'a lafaan dhufte. Tanaaf marroo namii cuftii cubbameef, dooti nama cufaa geette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababaa nama tokkotiin cubbuun gara biyya lafaa ni aseene, sababaa cubbu'uutiin'llee duuti ni dhufe, akkuma kana naminni marrinuu cubbuu waan hojjateef duuti nama mara irratti ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du'a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte.