Romans 5:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse'ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle'etti moote. Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo haga Adamutiifi haga Musa dooti nama ch'ufa mohate, worra seera Waaqa aka Adamuni ch'abse inch'absiinile mohate. Adamuni fakeenna nama hegeri d'ufuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo haga Addaamiitii jalqabee haga Muusee dooti warra seera Waaqaa akka Addaam cabseef ka hincabsiiniillee cufuma moohate. Addaam fakkeenna nama hegerii dhufuuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalaqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ta'u'llee akka Addaamii titti seera dabrru'uun cubbuu hojjachuu yoo dhabaatan'llee, worrummaan hojjatan'llee uduu hin hafin duutii Addaamiin irraa jala qabee haga Muse'ee titti, nama mara irratti ni moo'e. Aangoo ni argate. Addaamiin kun'llee Kristosii ufi durana dhufuuf, fakkeenna ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse'ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addaamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle'etti moote. Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti.