Romans 5:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri lamaani takaaniti; wonti akanatiifi toli Waaqa aka daba Adamu injiru. D'uguma nami hedduuni daba nama tokocha suni gula raawate. Ammo eebiti Waaqa hagasi ira jirti, ammalle toli inni nama heddu kennu, maro eeba nama toko Yeso Kristotiifi, hagasi ira jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo warrii lamaan takkaaniti; wantii akkanaatiif tolii Waaqaa akka cubbuu Addaam hinjiru. Dhugumaa namii hedduun cubbuu nama tokkocha sunii gula raawwate. Ammoo eebbitii Waaqaa hagasi irra jirti, ammallee tolii Waaqii ka innii marroo ebbaa nama tokko, ka Yesus Kiristoo jedhaniif, nama hedduu kennuu, hagasii irra jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo kennaan isaa haga yakka namaatii miti; sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo kennaan isaa haga yakka namaatii miti, sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kennaan Waaqaa ka bilisaa akka cubbuu namaatii miti, waayee cubbuu nama tokkootiin baayi'eewwan akkuma du'an, akkuma kana kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi nama tokko sababii Yesus Kristositiin ka argame kennaan isaa ka bilisaa, baayi'eewwaniif ka irraa hafe ta'ee kennamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera.