Romans 5:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma bu'aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu'uutiif kenname ammoo balchummaa fide.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle tola Waaqaatiifi dabi nama woli imfakaatu. Eegi daba toko tolchani qorsumaani wollaala namati murtu d'ufte; ammo eegi daba heddu tolchani, dubbi qorani, wollaala inqabdu jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee tola Waaqaatii fi cubbuun namaa wali hinfakkaatu. Eegii cubbuu tokko tolchan qorsumaan wallaala namaatti murtu dhufte; ammoo eegii cubbuu hedduu hojjatan, dubbii qoranii, wallaala hinqabdu jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana kennaan Waaqaa ka gati male'ee bu'aan fide ka kennaa bilisaa, bu'aa akka cubbuun nama tokkoo fideetiimiti. Sababaa cubbuu nama tokkootiin murttiin kenname adabbii ni fide, sababa cubbuu baayi'e'eetiin kennaan kenname ka gatii male'ee qulqullaawome ni fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year