Romans 5:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala'ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le'aa moowan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma daba nama toko gula dabi nama mohate, maro nama sunitiifi, Ammo wonti nami toko Yeso Kristoni tolche hagasi ira jirti! Nami eeba Waaqaatiifi tola d'uga isaa argatu ch'ufti jiraate lafa mohata, maro Yeso Kristotiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugumaa cubbuun nama tokkoo gula dooti nama moohate, marroo nama sunitiif ammoo wantii namii tokko Yesus Kiristoon tolche hagasii irra jirti! Namii eebba Waaqaatii fi tola dhugaa isaa argatu cuftii jiraateetti marroo Yesus Kiristootiif lafa moohata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa worri kennaa badhaadhinnaa argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa kennaa badhaadhinnaa worri argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababaa cubbuu nama tokkootiin duuti nama mara irratti aangoo ni argate, kennaan Waaqaa ka bilisaa ka irraa guutee hafee fi kennaan gatii male'ee, ka qulqullaawan marrinuu nama tokko karaa Yesus Kristositiin, injifannoo taasisu'uun lubbu'uun ni jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala'ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le'aa mowan.