Romans 5:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre, akkumaa cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma'aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf akkuma cubbuu nama tokkoo gula wallaala nama cufaatti muran, akkasuma hujiin dansaan tokko, ta namii tokko tolche, nama cufaa baaftee jireenna kennitiif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa cubbuun Addaamii tokkoo adabbii murti'ii nama mara irratti akkuma fide, akkuma kana qulqullaawomaa hujii Kristosii tokkoo baayi'eewwan adabbii irraa bilisa isaan taasisee, jireenna ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre, akkuma cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma'aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti.