Romans 5:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te'e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma nami hedduuni maro wollaala nama tokotiifi nama daba tolchu tahe, akasuma nami hedduuni waan nami toko Waaqa ch'aqaseefi d'uga argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma namii hedduun marroo wallaala nama tokkotiif nama cubbuu tolchu ta'e, akkasuma namii hedduun waan namii tokko Waaqaa caqaseef dhugaa argata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamtoota ta'an, akkasuma ammo ajajamuu nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee ajajamuu dhabuu Addaamiitiin baayi'eewwan cubbamoota akkuma ta'an, akkuma kana waayee ajajamuu Kristositiin'llee baayi'eewwan, ni qulqullaawoma.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te'e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma.