Romans 5:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka daba heddeesaniifi Seeraani d'ufani, ammo fulla dabi iti heddate eebiti Waaqaleeni hagasi ira guddatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka cubbuu heddeessaniif seeraan dhufan, ammoo fulaa cubbuun itti heddate eebbitii Waaqaalleen hagasi irra guddatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haa ta'uu ammo cubbuu baay'ateef akkuma cubbuun du'a irratti mooye, akkasuma ammo sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin sababa qajeellumma'aatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haata'uu ammoo cubbuu baay'ateef cubbuun du'a irratti akkuma mooye, akkasuma ammoo, sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin, sababa qajeellummaatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cubbuun akka baayi'atuuf jecha seerri ni dhufe, garuu haguma cubbuun baayi'ateen, kennaan Waaqaa ka bilisaa caala'atti ni baayi'ate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate.