Romans 5:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin fayyina.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan maro d'iiga isaatiifi d'uga nu hereganiifi hagasi ira dalansu Waaqa dura nu baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan marroo dhiiga isaatiif qajeelummaa nu herreganiif hagasi irra dallansuu Waaqaa duraa nu baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin dheekkamsa Rabbii jalaa hin baana.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin lola Rabbii jalaa hin baana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka qulqullaawomnne dhiiga Yesus Kristositiin yoo ta'e, irra caala'atti'llee dheekkamissa Waaqaa jalaa baayu'uuf ka danddeennu, karaa isaatiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin baana.