Romans 6:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma isani waan kana imbeetani: yo ee jettani aka tisse nama ch'aqaftani, isani tisse abba suniti, yokhaani tisse dabaati, ta duisaani d'uftu, yokhaani tisse namaa saalfatu ta d'ugaani d'uftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan yo, “Ee'ee” jettanii akka tissee nama caqaftanii, akka nama sunii tissee taatan hin beettanii? Dhugumaa isna tissee abba suniitii, yokaan tissee cubbuu ta du'aan dhuftu, yokaan tissee Waaqaa ajajamtu ta dhugaan dhuftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookaan du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookiin du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nama tokkoof tajaajilttoota taatanii ajajamu'uuf mataa keessan yoo dhiyeesitan, nama ajajamttaniif sanii tajaajilttoota ta'uu keessan ni beekitan, akkuma kana cubbu'uuf yoo ajajamittan du'a cubbuu isin irratti fiduuf tajaajilttoota ni taatan, Waaqaaf yoo ajajamittan garuu qulqullaayoma ni argattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan.