Romans 6:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkumma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessaanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini maro laafinna nafa keesanitiifi akana dubbad'a. Duri isani tissele t'uritiifi ta waan hamtu taatani hameenna jabeesitani. Akasuma ammalle tisse d'uga ufi tolchu maltani, aka qulqulloomtani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin marroo laafinna nafa keessanitiif akkana dubbadha. Durii isan tisseellee xurittii fi ta waan hamtuu taataniitti hammeenna jabeesitan. Akkasuma ammallee akka qulqulloomtan tissee dhugaa ufi tolchuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan dadhabbii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan akka hammeenna raawwatu, battumma'aa fi hammeennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan dadhabii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan hammeenna akka raawwatu, battumma'aa fi hamneennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani akkana namaaf afaan galuun ka dubbadhu dadhabbinna yaada keessan irraa ka ka'een, durssa kutaawwan qaamota keessan battumma'aa fi tajaajilaa marri hama'aa taasfttanii akkuma dhiyeessitan mara, akkuma kana kutaawwan qaama keessan akka qulqullaayan tajaajilttoota qulqullaayomaa taasisa'aatii dhiyeessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkuma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a.