Romans 6:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yeenna san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniillee du'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma waan ch'eera ka tolchitani kana dansooma maani ira argattani? Muummeeni waan kana dua!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf amma waan ceeraa ka tolchitan kana dansooma maan irraa argattan? Muummeen waan kanaa du'a!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, yeroo sanitti faayiddaa maal argattan ree? waan amma isin saalfachiisu malee faayiddaa woyiituu hin ariganne, muummeen waan kanaa'llee du'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du'a!