Romans 7:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a anatti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a anatti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoosi waan dansati na ijeese? Hiyyo, akasiiniti. Dabati na ijeese; dabi waan dansa fuud'e duisaani nati d'ufe, aka wonti isii ch'ufti mullattu. Tanaafi dabi maro seeratiifi haga durile ira hamaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoos waan dansaati na ijeesee? Hiyyoo, akkasiiniti. Cubbuutti na ijeese; cubbuuti akka wantii isii cuftii mullattu waan dansaa fuudhee du'aan natti dhufe. Tanaaf cubbuun marroo seeraatiif haga duriille irra hammaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti! Haa ta'uu ammo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti Haata'uu ammoo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa wonitti mishaa ta'e kun, ana irratti du'a ni fide jechu'uu ree? Miti! garuu cubbuun cubbuu ta'ee akka muldhatuuf karaa waan misha'aatiin du'a natti ni fide, kanaaf cubbuun karaa ajajaatiin caala'atti cubbamaa ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a natti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a natti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.