Romans 7:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu ana keessa jirtu malee anaa moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nama waan kana tolchu anaaniti, ammo daba na keesa jiruti waan kana na tolchisiisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf namii waan kana tolchu anaanitii, ammoo cubbuu na keessa jirtuutti waan kana na tolchisiisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti; cubbuu ana keessa jiru san malee.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti. Cubbuu na keessa jiru malee.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Raawwachuu waan hin barbaanne ka raawwatu cubbuu ana keessa jiru malee, anaa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti.