Romans 7:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ana keessa yookiin namumma kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini aka wonti dansaani na keesa injirre imbeekha, nafa kiyya keesa. Ato waan dansa tolchu fed'ele dandae intolchu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka wantii dansaan tokkolleen na keessa yokaan nafa kiyya keessa hinjirre inbeeka. Adoo waan dansaa tolchuu fedheellee danda'ee hintolchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti mishaan akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti michuun akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ana keessa yookiin amala foonayaa anaa keessa wonitti mishaan woyiituu akka hin jirre ni beeka, waan mishaa raawwachu'uu fedhii yoma qabaadhe'llee, waan mishaa raawwachu'uuf danddeettii hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ana keessa yookiin namummaa kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne.