Romans 7:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin ana keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo aka seeri d'ibiini mita tiyya keesa hojatu arga, seera ka seera qalbiini tiyya feetu jibbu. Inni tisse seera nafa kiyya keesa jiru na tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo akka seerii dhibiin mittaa tiyya keessa hojjatu arga, seerii ka seera qalbiin tiyya feetu jibbu. Innii tisse seera nafa kiyyaa keessa jiruu na tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee seera sammuu kiyyaatiin wolitti bu'a'aa kutaawwan qaama kiyyaa keessatti ka hojjatu seera cubbu'uutiif hidhamaa ka ana taasisu, ka bira'aa laalchi fedhii uumamaa kutaawwan qaama kiyya ka uumamaa keessa akka jiran ni arga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera.