Romans 7:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isanileeni akasuma, oboleyaani tiyya. Isanileeni gama Seeratiini ya dootani, waan isani mita nafa Kristo taataniifi; amma isani ka isaati, isa ka aka nu Waaqa durati wo baanu duisa keesaa kaasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya isaniilleen akkasuma. Isaniilleen gama seeratiin ya dootan, waan mittaa nafa Kiristoo taataniif; amma isan ka isaati, ka akka nu Waaqaa duraatti wa baanu du'a keessaa kaasan isa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammo foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu; Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammoo Foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan haalli keessan'llee akkanuma, isin kutaa qaama Kristosii waan taataniif haga waan du'a irraa fooyamu'uu titti seera irraa fooyamittanii jirttan, kanaaf tajaajila Waaqaatiif firii akka daraarruuf worra Kirstosii du'aa ka'ee taatanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan.