Romans 7:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka ana keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dabi aka d'araa gosa ch'ufa na keesati hojatu seera keesa qoomni argate. Fulla seeri injirre dabi waan due.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Cubbuun akka dharraa gosa cufaa na keessaatti hojattu seera keessa qoommii argate. Fulaa seerii hinjirre cubbuun waan du'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cubbuun ammo sababa argatee hawwii maraa ajajaan na irratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cubbuun ammoo sababa argatee hawwii maraa ajajaan naarratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cubbuun ajaja seera irraa dhufeen carraa argatee, hawwii marrinuu ana keessatti akka kakaafamuuf ni taasise. Seerri yoo hin jiraatin garuu cubbuun waan du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka na keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e.