Romans 8:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaasee, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii Waaqaa ka Yesus du'a keessaa kaase, isan keessa yo jiraattee, yoos ka Yesus du'a keessaa kaasee, hafuura isaa ka isan keessa jiruun, nafa keessaniillee jireenna inkenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase yoo isin keessa jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaana ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaanna ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusiin du'aa ka kaaseen Hafuurri Waaqaa keessa keessan yoo jiraate, Yesus Kristosiin du'aa kaaseen Waaqinni keessa keessan ka jiraatu karaa hafuura isaatiin, foon keessan du'aaf jireenna ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna.