Romans 8:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu waan ijoollee isaa taaneef eebba innii ijoollee ufiitii kennu indhaalla, ammallee Kiristoo waliin waan Waaqii isaa olkaaye dhaalla; wantii akkanaatiif nu yo Kiristoo waliin gaargalle guddinna isaa eegii tana qoodanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu eega ijoollee Rabbii taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nu irra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.