Romans 8:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini sehu, gaargali nu amma argannu kunini guddinna nu hegeri argannuuni wolti ind'ufu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan anin se'u, gaargalii nu amma argannu kunin guddinna nu hegerii argannuun walti hindhufu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin yoo wol bira qabamee laallamu womaa akka hin taane yaada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin wol bira qabamee yoo laallamu woomaa akka hin taane yaada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa.