Romans 8:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dadaa qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Uumama ch'allaaniti, nu ka mid'aani qara ka Lubbu qamnu, nuleeni, ato aka Waaqi d'ufe ilmaani isaa nu tolfate nu baasu teteenne eegannu imboonayu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Uumama callaanitii, nuun midhaan qaraa ka hafuuraa qamnuuyyuu, adoo akka Waaqii dhufee ilmaan isaa nu tolfatee nu baasu teteennee eegannu inboonna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana calla'aallee miti; nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa keessa keennatti wixxifata'aarra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana callallee miti, nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa, keessa keennatti wixxifata'aarra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu woyachuu irra ka jiru uumama qofaa miti, kennaa Hafuura Qulqullu'uu ka jalqabaa ka fudhanne, nu'llee wobii qaama keennaa ka ta'e ijoollee Waaqaa ta'iinsa abddi'iin eeggata'aa keessa qaama keennaa titti woyata irratti ni arggaminna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dada qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.